Notice: Test mode is enabled. While in test mode no live donations are processed.

$ 0
Select Payment Method

Abulee Leenjisoof Waaritee Hirkoo abbaa manaaf haadhamanaa jireenya gad aadaa jiraataniidha

Details

READING TIME

3 min

CATEGORY

Testimony

AUTHOR

LOLMI

TOPIC

Testimony

Abuleen yeroo hundaa hojii humnaa hojjetee ijoolleesaa jiraachisa haadha isaas gargaaraa jiraata. Kun utuu kanaan jiruu Guyyaa tokko Ministryn light of life international gara naannoo isaaniitti imaluudhaa ijaarsa waldaa jalgabe Abuleenis hojii humnaa hojechuudhaaf gara waldaa kana dhufee hojii guyyaa jalgabe. Utuu hojii kana hojjetee maatiisaa gargaaru guyyaa gaafa tokkoo akkuma duraa ganamaan ka'ee ijoolleesaa dhudhungatee matiisaatti nagaa dhaamee gara hojii ijaarsa waldaatti imale utu manatti hin deebi'iin balaa tasaa manni waldaa irratti jigeen ijoolleesaa jaallatuf haadhasaa isa malee hin qabne haadha manasaa gatee du'aan dachee kanarraa boqote, harmee isaatti abdiinshee duukkanaaeeijoollee xixinnoo afaan hin beekne Muusaadhaaf Bashulee bakkee onaatti dhiisee dacheerraa godaane. Haati warraa isaas isaa awwaaltee galtee utuu baayyee hin turin Ijoollee hoomaa hin beekne haadha isaatti gattee heerumte.

Harmeen Abulees dadde Saafayee Morkatoo boo'ichi ija itti duukkaneesse argu dhabdeetti dhukkubis irratti wal ga'ee gadacheera egaa light of life maatii kanaf abbaa ta'urra darbee waan ijoollee kana barbaachisu hundaa guutudhaan akka isaan hin dhiphanneef ji'a ji'aan qarshii kennaafii akka isaan jireenya mijataa jiraatan gochaa haadha Abuleefis yaala barbaachis akka godhamuuf godhee, Gara fuulduraattis ijoollee kana barsiisuuf gargaaruudhaaf akka karoora qabus mirkaneesseera.